Monday, March 28, 2016





OROMUMMAA

oromummaan bari dhiiga lafeekeeti

kan ittiin as ga'es lafee goototaatiin

kaawwan ajjeefamee

Kaawwan fannifamee

kaanis osoo jooruu

mana isaa baqatee

bosonatti galeee

Bilisummaa fiduuf

miilli isaa qallatee

Beelaa fi dheebuu obsee

Beelli isa gaggabsee

mudhii isaa hidhatee

mandhee diinaa cabsee

yoo itti haammaates

waan nyaatulle dhabee

Qorraan waxalamee

Beelaan dararamee

Lubbuu isaa dabarsee