Ani hin dhalanne
Meerre eessan jira
Garaa keessa jechuuf
Dacheema irran jira
Dachee irra jechuuf
Biyya kamin jira
Biyyan jiru hin beeku
Maaal kana walaaluun?
Machhidhamoo?
kkkkk kuni machii miti
Ani booka hin dhugiin
Tasuma hin macha'u
Dhalachuun barbaada
Garaa keessa hin taa'u
Guyyaa dhalootakoof
Marqaan haa qophaa'u
OROMUMMAA
Wednesday, April 5, 2017
Monday, March 28, 2016
OROMUMMAA
oromummaan bari dhiiga lafeekeeti
kan ittiin as ga'es lafee goototaatiin
kaawwan ajjeefamee
Kaawwan fannifamee
kaanis osoo jooruu
mana isaa baqatee
bosonatti galeee
Bilisummaa fiduuf
miilli isaa qallatee
Beelaa fi dheebuu obsee
Beelli isa gaggabsee
mudhii isaa hidhatee
mandhee diinaa cabsee
yoo itti haammaates
waan nyaatulle dhabee
Qorraan waxalamee
Beelaan dararamee
Lubbuu isaa dabarsee
Subscribe to:
Posts (Atom)